• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti jabaachuun himame

May 30, 2025

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Bara bulchiinsa Abiy Ahimed kana keessa Oromummaan yakka ta’uun ilmaan Oromoo jaleewwan sirnichaan badii tokko malee adamsamuun hidhaatti guuramaa jiraachuun ni beekama.

Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo keessaa Caamsaa 27, 2025 obboloota 2 kanneen maqaan isaanii: 

  1. Magarsaa Gammachuu fi 
  2. Lalisaa Gammachuu 

jedhaman jaleewwan Bilxiginnaa badii tokko malee reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii gar-malee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Magarsaa fi Lalisaan siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “isin seelii WBO’ti” jedhuun yakkanii hiraarsaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply