ONM-ABO Caamsaa 31, 2025
Koloneel Abiy Ahimed to’annoo humna waraanaa isaatti dhimma ba’uun sodaachisa irratti hirkachuu, odeeffannoo daangessuu, mormitoota siyaasaa hordofuu fi jeequmsa fayyadamuun namoota ukkaamsuu dabalatee ajjeechaa raawwachaa kan jiru yoo ta’u, namoota hirmaannaa siyaasaa keessatti qooda hin fudhanne irraanis miidhaa ga’aa jira.
Haaluma kanaanis aanaa Siraaroo ganda Qooqaa Arraatii jedhamu irraa poolisiin Oromiyaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf dargaggoo maqaan isaa Fayisaa Agabaas Leencoo jedhamu Caamsaa 29, 2025 haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoon kun badii isa ajjeesisu qabaateef osoo hin taane, poolisichi haaloo dhuunfaa irraa qabu irraa ka’uun kan ajjeese ta’uu jiraattotni dabaluun himaniiru.
Waraanni Bilxiginnaa kun Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa keessatti halkan shamarree tokko raasaasaan dha’anii ajjeesuun yoo gaafataman diina se’een ajjeese jechuun lubbuu namaatti qoosaa turuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

