• Tue. Sep 22nd, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Gindabaratitti miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii lama WBO onichaatti harka kennachuun dhaga’ame 

May 31, 2025

ONM-ABO Caamsaa 31, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabarat keessa qubsiifamanii kan jiran loltoonni sirnichaa ergama bulchiinsa abbaa irree impaayerattii milkeessuuf uummata Oromoo onichaa keessa socho’uun ba’aa fi gala hawaasichaa danqanii akka hiraarsaniif bobba’an loltoonni Bilxiginnaa lama meeshaa fi hidhannoo isaanii guutuu waliin Waraana bilisummaa Oromoo onichaatti harka kennachuun ibsameera.

Miseensonni waraana impaayerattii duraanii kunneen cunqursaaa sirnichi jibbiinsa sanyii Oromummaa irraa qabu hubachuun mooraa diinaa ganuun WBO’tti makamuu isaaniitti kan hin gaabbine ta’uu ibsuun jaalalaa fi kabaja akkasumas simannaa hoo’aa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo taasiseefitti boonuun gammachuu qaban ibsataniiru.

Dhuma irrattis miseensota isaanii kanneen achi keessatti hafuun meeshaa alagaa baatanii ijaa fi gurra diinaa ta’uun uummata isaanii ajjeesaniin osoo isinitti hin barfatin gara qabsoo sabaatti yeroon kottaa jechuun dhaamsa Oromummaa isaaniif qaban dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading