• Tue. Sep 22nd, 2026

Godina Baalee Bahaa Aanaa Gololchaatti uummatni tajaajila hawaasummaa dhabuun miidhaan irra gahaa jiraachuun ibsame 

Jun 1, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025 

Godina Baalee Bahaa aanaa Gololchaa ganda Anubaa Harar jedhamu keessatti sababa hanqina bu’uuraalee misoomaan uummatni miidhama ulfaataa keessa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffate.

Godinichatti gandi Anubaa Harar magaalaa Jaarraa irraa kiilomeetira 4 qofa fagaatee kan argamu yoo ta’u, kenniinsi tajaajila geejjibaa jiraattotaaf bu’aa buusuu danda’u dhibuu irraan kan ka’e hawaasni gandichaa rakkoolee adda addaaf saaxilamaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ifoomsanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa yaada isaanii ONM’f qoodan ibsanitti rakkooleen hanqina daandii geejjibaan nu mudatan hedduu ta’anis kanneen keessaa  muraasa yoo kaasne, namni dhukkubsate baatamee gara buufata fayyaa deemuutu jira, haawwan da’umsaaf deeman yeroo ciniinsifatan gargaarsi ambulansii hatattamaan qaqqabee buufata geessuuf daandiitu barbaachisa, kun ammoo hin jiru jechuun komii qaban ibsataniiru.

Xumura irrattis rakkoon keenya kan akka salphaatti ilaalamu osoo hin taane dhimma lubbuuti waan ta’eef ammatti furmaata akka nuuf argatu qaamni dhimmi isaa ilaallatu itti gaafatama akka fudhatu jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading