• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti miseensi waraana faashistii PP tokko haadha warraa qonnaan bulaa tokkoo gudeede

Jun 2, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025 

Hawaasa irraa dhalataniif kabajaa tokkollee kan hin qabne ergamtoonni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti gochoota ciiggaassisoo hadhoolii fi shamarran Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa keessatti Caamsaa 27, 2025 waaree booda naannoo sa’atii 11:00’tti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii mana qonnaan bulaa tokkootti seenee gudeeddii dirqiin raawwachuun ibsame.

Abbaan warraa miidhamtuu kanaa qaamolee sirnichaatti iyyattus, sodaachisaa fi doorsisni irratti taasifamuun ala furmaanni isaaf argame akka hin jirres jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Kana malees, aanicha keessatti maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun hidhaa, saamichaa fi dararaan ilmaan Oromoo irratti raawwatus jabaatee jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply