ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025
Naamusaa fi saayinsiin waraanummaa kan isaan irraa hin calaqqisne tiksitoonni impayerattii uummata Oromoo sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun ajjechaa fi dararaa bifa adda addaa irratti raawwachaa jiran hammeessuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Guutee Raagoo bakka addaa Waariyoo jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Kaalid Jamaal jedhamu badii malee mana maatii isaatii qabuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees ganda Guutee Raagoo bakka addaa Haroo Tankaaraa jedhamu keessaa ammoo maanguddoo ganna 70 kan ta’an:
- Obbo Margaa Jiraataa fi
- Obbo Dirbabaa Mokonnon
kan jedhaman WALQO kaffaluu diddan jechuun hidhanii dararaa jiru. Abbootiin kunneenis erga hidhamanii guyyoota afurii oliif waajjira poolisii aanichaatti hiraarfamaa jiraachuus itti dabaluun himaniiru.
Torban darbes gandichuma keessatti dargaggoota 7 ol osoo isaan kubbaa miillaa Tabachaa jiranii balleessaa isaanii malee ukkaamsuun hidhaatti darbachuun ni yaadatamuudha.

