• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti loltoonni faashistii PP qabeenya hawaasaa saamuu hammeessan 

Jun 3, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyaatti Caamsaa 31, 2025 shiftoonni faashistii PP qonnaan bulaa maqaan isaa:

  1. Nuuruu Saanii jedhamu jalaa qotiyyoo 1 qalatanii yoo nyaatan, 
  2. Huseen Hamdaa jalaa ammoo mana isaa cabsanii seenuun qarshii 7,000

saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, ergamtoonni sirnichaa kunneen gandichuma irraa torban kana keessa nama maqaan isaa Hajii Amaanoo jedhamu jalaas re’oota korbeeyyii 4 kaffaltii tokko malee qalatanii nyaachuu itti dabaluun himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni saamichi ulfaataan irratti raawwate kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneenis tibba kana aanicha bakkeewwan adda addaatti maqaa sakattaan bobbaa’anii hawaasa meesha maleeyyii gar-malee hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply