• Tue. Nov 24th, 2026

Muummichi Ministeeraa Sudaan Kamil Idris caasaa mootummaa isaanii diiguun dhaabbati oduu kutaa biyyattii gabaase

Jun 3, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025 

Muummichi ministeeraa haaraan Sudaan Kamil Idris caasaa mootummaa biyyattii diiguu isaanii dhaabbati oduu mootummaa SUNA’n Dilbata galgala gabaaseera.

SUNA’n mootummaan haaraan, erga waraanni loltoota Sudaan fi humnoota deggarsa ariifataa   gidduutti uumamee yeroo jalqabaaf dhaabbatu yoom akka ifa ta’u hin ibsine.

Idris hogganaa waraanaa Abdel Fattah al-Burhan, itti gaafatamaa mootummaa Sudaaniin muudame. RSF jalqaba bara kanaa irraa eegalee qaamolee michuu ta’an waliin mootummaa walfakkaatu hundeessuu dubbateera.

Idris bara 2021 fonqolcha waraanaan durfamu erga geggeeffameen booda muummicha ministeeraa biyyattii jalqabaa ta’uun kakaaf qopha’aniiru.

Haasaa Dilbata taasisaniin dhaabbilee siyaasaa hundarraa fageenya walqixa akka qabatanii fi tasgabbii, nageenya, fi deebisanii Sudaaniin ijaaruuf dursa akka kennan dhaadataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply