• Thu. Nov 26th, 2026

Baha Shaggar Aanaalee garaa garaatti murni Bilxiginnaa maqaa qawwee isiniif binna jedhuun saamicha uummata irratti geggeessaa jiraachuun ifoome 

Jun 4, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025 

Abjuun isaa lolaan uummata nagaa balleessuu fi goolamiinsa akkasumas walitti bu’iinsa horuu kan ta’e koloneel Abiy Ahimed humnoota waraanaa isaa uummatatti duulchisuun qe’ee uummataa dirree lolaa taasisee jira.

Akka kanaanis Baha Shaggar onoota garaa garaa keessatti kaabinoonnii sirnichaa uummata harka qalleessa maqaa qawweetu bitamee isiniif kennama jedhuun nama tokko irraa qarshii 55,000 fudhachaa jiraachuu maddeen ONM’f ifoomsanii jiru.

Uummata qaala’insa jireenyaan wal’aansoo qabaa jiraatu kan ofiifuu gargaarsa barbaadu gara laafina tokko malee hiraarsuu kan addeefatan ergamtoonni impaayerattii kunneen keessattuu aanaalee akka Booraa, Dugdaa, Fantaallee fi magaalaa Adaamaa keessatti saamichi qinda’aan kun cimee kan jiru yoo ta’u, qarshiin guuramaa jiru kunis galii kaadiroota dhuunfaaf oolfamaa akka jirus itti dabaluun addeessaniiru.

Waggoota ja’an darban as barcuma bulchiinsa impaayerattii erga qabateen booda, dararaa dachaa uummanni jaarraa tokkoof walakkaa keessatti hin agarre dalagaa kan jiru koloneel Abiy Ahimed, diinummaa ilmaan Oromoof qabu daran jabeessuun guyyuu hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa suukkanneessaa geggeessuun lubbuu fi qabeenya lammiilee barbadeessaa jira.

Leave a Reply