• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaatti dararaan ergamtoota Bilxiginnaan jabaachuun himame

Jun 4, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025 

Murni Bilxiginnaa tajaajila sirrii fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’aniin uummata deggaruu irra saamicha qofa irratti fuulleffachuun miidhaa adda addaa qaqqabsiisaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Haaluma kanaanis godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Heellaa Seerootti Caamsaa 28, 2025 murni Bilxiginnaa maqaa gibiraan jiraattota irraa qarshii kuma sodddomaa hanga kuma afurtamaatti afaan qawwee gargaaramuun saamaa akka turan himan.

Jiraataa gandichaa kan ta’e Obbo Baacur Aabbuu nama jedhamu irraa qarshii kuma afurtama kan saaman oggaa ta’u, obboleessuma isaa Obbo Innee Aabbuu kan jedhamus akka kaffaluuf dirqisiisuun wanta kaffalu sababa dhabe qofaaf hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Kana malees jiraattonni hedduun magaalaa Goobeessaa keessaa sababa kaffaltii maalummaan isaa hin beekamneef qabamanii hidhamuun dararamaa jiraachuu dubbatu.

Dabalataanis jiraataa ganda Gaadoo kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Abdullaxiif jedhamu loltoonni Abiy Ahimed reebicha irratti taasisuun yeroo ammaa haalli fayyummaa isaa daran yaaddessaa akka ta’es jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply