ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti jiran wal gurmeessuun ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname guutanii gammachiisuu fi dararaa geggeessan akka madda galiitti fudhachuun nama siyaasa tokkollee hin hordofne maqaa adda addaa itti maxxansanii hiraarsuu hammeessanii jiru.
Akka kanaanis ergamtootni Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessaa Waxabajjii 1, 2025 gara galgalaa waloo Iyyaasuu Tasfaayee ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa 2’ffaa ganda 07 keessatti argamutti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Waloon kun barataa Yuunivarsiitii yoo ta’u, badii isa hiisisu kan hin qabnee fi yeroo dhiyoo as immoo walaloowwan gurra namaa harkisan miidiyaalee hawaasaa Facebook fi TikTok irratti dhoobuun fudhatamummaa argachaa kan dhufe yoo ta’u, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkamee loltoota impaayerattiin kan hidhame ta’uu ONM adda baafateera.
Impaayerattii guutummaa keessatti murni Bilxiginnaa ergamtoota isaatti dhimma ba’uun dargaggoota abdii borii ta’an bakka hojii idilee isaanii irraa adamsee ukkaamsuun reebuu, hidhuu, ajjeesuu, achi buutee dhabamsiisuu fi qarshii gurguddaa irraa saamee hidhaa irraa gadi dhiisuun dararaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun ibsamee jira.


