• Wed. Nov 25th, 2026

Yuunivarsiitii Wallaggaatti sarbamiinsi mirga namoomaa waardiyyoota moorichaan barattoota shamarranii irratti raawwatamaa jiraachuu ONM odeeffate

Jun 4, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025

Yuunivarsiitii Wallaggaa mooraa guddicha keessatti barattoota shamarranii Rimidi’aalii (Remedial) baratan waardiyyoonni moorichaa irra deddeebbiidhaan dirqisiisanii gudeeduu fi bilbila harkaas humnaan irraa fudhachuun miidhaa ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, barattoonni hedduunis taatee irratti raawwatu kana dubbachuuf doorsisa sodaachuu fi maqaa isaaniif jecha kan callisan ta’uun barameera.

Haaluma kanaan, torban darbe keessa barattuu moorichaa Rimidi’aalii barattu tokko halkan keessaa toora sa’atii 3:00’tti waardiyaan moorichaa tokko fuula isaa dhokfatee mana fincaaniitti itti seenee gudeeduuf wayita yaalu of irratti qabattee osoo wal daddarbatanii haguuggaan fuula isaa irra ture lafa bu’ee fuulli isaa waan mul’ateef qullaa ishee lafarra harkisee ala baasuun gara lagaatti gadi buusee ajjeesuuf osoo yaaluu barattoonni birmataniifii harkaa baasuun lubbuu ishee baraaranii jiraachuu barataan dubbisne tokko ONM’tti himee jira.

Namni gocha dabaa fi gara jabinaa kana barattuu kana irratti raawwate waardiyaa moorichaa ta’uu kan ibsan barattoonni kunneen, kophee isaas bakkichatti gatee baqachuus himan.

Akka barattoonni ONM dubbise dabaluun himanitti, barattuun kunis yakkicha qaama seeraa biraan akka hin geenyeef sodaachisaa fi doorsisni garaa garaa hojjettoota moorichaan irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, dhimmichis yaalii ajjeechaa fi dirqisiisanii gudeeduu ta’ee osoo jiruu Yuunivarsiitiichi maqaa isaaf jedhee ukkaamsuu yaaluunis egeree barattootaaf yaaddoo guddaa ta’ee jira jechuun dubbatu.

Leave a Reply