ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Saamichi uummata irratti murna Bilxiginnaan raawwachaa jiru miidhaa guddaa geessisaa kan jiru yoo ta’u, hoji-dhabdummaa fi dinagdeen dandamachuu hanqachuu fi rakkinoota hedduuf akka uummanni saaxilamaniif dhiibaan adeemaa jiru cimee itti fufeera.
Horroo Guduruu Wallagaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Illaamuu Manoolee bakka addaa Hadhoo jedhamu keessatti Caamsaa 31, 2025 saamtonni Bilxiginnaa qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Dirribaa Abdisaa jedhamu jalaa qotiyyoo cimdii tokko qalatanii nyaachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, Obbo Dirribaan bu’aa hojii qonnaa irraa argatuun maatii isaa jireessuu malee tuttuqqaa siyaasa kamiyyuu kan qabne yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa sobaa “WBO deggerta” jedhu itti maxxansuun qotiyyoo inni ittiin qotee ofii fi maatii isaa jireessu saamanii qalachuun jireenya gadadoo keessatti hambisanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ilmaan Oromoo hiraarsuu kaayyoo jalqabaa fi hojii idilee taasifatanii kan bobbaa’an waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hawaasa meesha maleeyyii irratti haala duraan amaleeffataniin olitti duula saamichaa geggeessaa kan jiran ta’uu ragaaleen ni agarsiisa.



