• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa hidhaatti darbachuun dirqamaan mana ijaarsisuu fi saamicha irratti bobba’anii jiraachuun himame

Jun 5, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025 

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaa jedhamu irraa ergamtoonni sirnicha utubuuf halkanii fi guyyaa dhama’an Caamsaa 30, 2025 hawaasa dirqamaan irra deemanii yaasuun waajjira gandaa ijaarsisaa turuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, namoota maqaansaanii:

  1. Heeydar Kadir,
  2. Huseen Umaree,
  3. Taarikuu Taayyee,
  4. Jamaal Mahaammadii fi 

kanneen biroo hedduu ta’an hidhaatti darbachuun “dirqamaan mana ijaartu” jechuun mana hidhaa keessaa baasanii humnaan mana dhoobsisuu itti dabaluun himaniiru. 

Araddaadhuma kana keessaa, maqaa kaffaltii gosa adda addaan hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu dhiphisuun qarshii hanga fedhan saamaa turan, torbanuma darbe keessa maqaa buusaa gonofaan qarshii 500, ijaarsa manaaf qarshii 400 fi bittaa qorqoorroof qarshii 500 saamaa akka jiran ibsameera.

Leave a Reply