ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Waraanni aangoo namtokkee tiksuuf ijaarame guyyaa guyyaan hawaasa nagaa ajjeesuun olaantummaa impaayerattii mirkaneessuuf jecha gochaa gara jabinaa uummata irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin raawwatamu mormuun bakkeewwan hedduutti Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Bifuma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda boonda’oo jedhamu keessatti waraanni impaayerattii tiksuuf ifaajaa turan kanneen Riphee Lolaa jedhamuun waamamanii fi maqaa “olaantummaa seeraa kabachiisna” jedhu dahoo godhachuun hawaasa Oromoo hiraarsuu irratti kaadiroota Bilxiginnaan bobba’an “gochaa suukkaneessaa hawaasa keenya irratti hin raawwannu” jechuun loltoonni baay’inaan 6 ta’an Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun beekamee jira.
Akka miseensonni waraanaa Riphee Lolaa jedhaman kunneen jedhanitti, Bilxiginnaan mooraa isaa keessatti yeroo adda addaatti loltoota isaa ija shakkiin ilaaluun hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu waan hammeesseef dararaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu mufachuun kan harka kennatan ta’uus dubbatu.
Loltootni PP kun, hoggaa harka kennatan,
- qawwee AKM 6,
- rasaasa 540 fi
jahanuu hidhannoo waliin Waraana Bilisummaa Oromoo bakkicha keessa socho’u bira qaqqabuu isaanii gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.
Simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaniif taasisetti garmalee gammaduun, loltoonni sirnicha utubuuf halkanii fi guyyaa ifaajaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii fiduun gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii akka harka kennatan dhaamanii jiru.

