ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Sirni afaan qawweetiin hundeeffamee afaan qawweetiin uummata ukkaamsee bulchaa jiru Bilxiginnaan yeroo ammaa kana uummanni abbaa irrummaa isaa irratti dammaquun jalaa bahuuf yeroo inni kallattii cufaan mormii geggeessaa jiru kanatti turtii aangoo isaa dheereffachuuf burjaajii adda addaa uumaa jiraachuun ibsameera.
Qabxiileen baafamanii uummata ittiin joonjessuun bara bittaa isaanii dheereffachuuf deemaa jiran kunis:
- Heera mootummaa jijjiiruu,
- Caaseffama naannoo diiguu,
- Saboota akkaataa dubbii afaan isaan ittiin dubbatanitti osoo hin taane akkaataa teessuma lafaan ijaaruu,
- Alaabaa Itiyoophiyaa jijjiiruu,
- Aasxaa ykn mallattoolee adda addaa jijjiiruu,
- bulchiinsa impaayerattii mana maree ykn paarlaamaa osoo hin taane pireezidaantii gochuu fi
- akka waan qaama mootummaa dura hin turreetti qaama miidhamtoota hojii mootummaa keessatti hirmaachisuu kan jedhu
qopheeffatanii meeshaa ittiin addunyaa goyyomsu koomishinii biyyaalessaaa isaan hojjechaa jiraachuu maddeen keenya ifoomsaniiru.

