ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Bilxiginnaan sarbama mirga namoomaa dhugaadhaan furuuf sababoota bu’uuraa sarbama kanaa hubachuuf carraaquu irra daranuu gaaga’ama raawwachuu irratti fuulleffatee kan jiru dhiibbaa dinagdee, rakkoolee hawaasummaa adda addaa fi haala jireenyaa irratti daba taasisuu cimsee itti fufeera.
Haaluma kanaanis koloneel Abiy Ahimed mirga uummataa sarbuu jabeessuun aanaa Gimbii keessatti shiftoota ergamtoota isaa bobbaasuun uummata kanaan dura gatii qaaliin xaa’oo irraa bitatee jiraachaa ture, akka waan kanaan dura tola kennaafii tureetti liqii xaa’oo kaffalaa jechuun dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Haaluma kanaan kaabinoonnii fi milishoonni sirnichaa uummata onichaa cufaan gatii xaa’oo liqii waggaa 10 fi isaa oliitu isin irra jira kanaafuu tokkoon tokkoon keessan qarshii hamma isin irraa qabnu kaffalaa jechuun nama tokkotti qarshii 10,000- 20,000’tti itti muruun doorsisanii saamaa kan jiranii fi qonnaan bultoota harka qalleeyyii waan kaffalan hin qabne ammoo hidhaatti guuraa jiraachuu odeessi jiraattota onichaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.
Kana malees kaadiroonni fi milishoonni sirnichaa gandoota onichaa keessa jooruun gudeeddii hawwanii fi shamarran irratti hammeessuun gochoota safuu uummataa cabsan dalagaa jiraachuu fi daa’imman umuriin isaanii hin geenye humnaan fuudhuun maatii irraa erga adda baasanii booda bakkeetti gatanii deemuun gochoota hammeenyaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa kan jiran ta’uun dabalataan ifoomee jira.



