ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025
Gareen Bilxiginnaa hoggaa sagalee Waraana Bilisummaa Oromoo fagootti dhaga’an kutaalee Oromiyaa cufa irraa jaleewwan isaaniitti dhimma ba’uun, ilmaan Oromoo afaan qawween dirqamsiisanii halkaniif guyyaa waardiyaa baasaa jiru.
Haaluma kanaanis aanaa Habroo magaalaa Balbaleettii fi naannawwa isheetti Waxabajjii 3, 2025 irraa eegaluun jaleewwan Bilxiginnaa sodaa fi raafama hamaa keessa galuun “Waraana Bilisummaa Oromootu naannawaa kana jira” maqaa jedhuun dirqamaan hawaasni hundi galgala galgala daandiiwwan magaalattii hunda irratti akka waardiyyaa ba’an dirqisiisaa jiraachuu dubbatu.
Jiraattonni magaalichaa galgala sa’atii 2:00 booda akka daandii irra hin deemne dhorkuun, nama fuula haarawa ta’e yoo argan immoo gaaffii seeraa tokko malee ukkaamsanii hidhaatti darbachuu hammeessanii jiraachuun baramee jira.



