ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf bobbaafaman, aanaa Baabboo Gambeel ganda Kutaallaa Kussii jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa Abdullaahii Muusaa jedhamu Waxabajjii 3, 2025 badii tokko malee mana hidhaa irraa gadi baasuun akka bineensa bosonaatti rasaasaan waadanii ajjeesuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Dargaggoon kun Oromummaa isaan alatti badii tokko kan hin qabne yoo ta’u, kana duras baatii 2 dura jaleewwan Bilxiginnaan qabamee gidiraan adda addaas mooraa waraanaa fi waajjira poolisii keessatti irra ga’aa akka tures dubbatu.
Aanicha guutummaa fi akkuma impaayerattiitti loltoota sirnichaan gochoonni gara jabinaa ulfaataa ta’an maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun jiraattota irratti raawwatamaa jiru daran jabaatee kan jiru oggaa ta’u, uummanni Oromoo bahaa fi galatti yaaddoo du’aatiin shororka’aa akka jirus dabaluun jiraattonni himaniiru.

