• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaanitti maatiin qabsaa’otaa waraana garboomfataa PP’n dararamaa jiraachuun himame 

Jun 7, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025 

Murni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Ifa Jiruu jedhamu keessaa maqaa ijoollee keessantu WBO keessa jira jedhuun maatii qabsaa’otaa qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Hidhamtoonni haala kanaan hidhamanii jiran danuu kan ta’an ta’us, kanneen maqaa arganne:

  1. haadha ilmaanii kan taate Aadde Ayyaantuu fi 
  2. Obbo Maammadoo Abdullaa kanneen jedhaman akka ta’anis addeeffameera.

Kana malees Araddaa Baddeeyyii ganda Ifa-jiruu-Taasis irraa maqaa ooyiruu milishaa qotuu diddan jedhuun hawaasa gandichaa cufa irratti dararaa ulfaataan raawwatamaa jiraachuunis ibsameera.

Leave a Reply