• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti waraanni goolessaan PP mana qonnaan bulaa tokkoo qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuun ifoome

Jun 7, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Waxabajjii 4, 2025 sirna dhab-leeyyiin tiksitoota impaayera Itiyoophiyaa kanneen dantaa fi eegumsa murna tokkoof jecha uummata guddaa mankaraarsaa oolan aanaa Mana Sibuu ganda Waankii Gabaa Facaaseetti mana Obbo Gammachuu Baqqalaa Buushan qabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun gubanii barbadeessuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.

Namni kun nama nagaa siyaasa kam irraa iyyuu walaba ta’e yoo ta’u, goolessitoonni sirnichaa dararaan uummata Oromoo isaan gammachiisu ammoo Oromummaa isaa qofaan balaaleffachuun waan inni ittiin jiraatuu fi keessa jiraatu gubanii dhabamsiisuun maatii nagaa hiyyummaaf saaxilanii jiraachuu jiraattonni onichaa addeessanii jiru.

Ilma namaa bineensaa gaditti kan ilaalu, kan kabajaan namummaa irraa hin calaqqisne Bilxiginnaan dararaa ergamtoota isaan uummata nagaa irratti raawwatu jabeessuun guyyuu jiruu fi jireenya saba Oromoo quucarsaa jira.

Leave a Reply