• Tue. Nov 24th, 2026

Loltoonni Ameerikaa shaakala waraanaaf Paanaamaan galan

Jun 7, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025 

Loltoonni Ameerikaa shaakala waraanaa Sulula Paanaamaa eeguuf kaayyeffatee Paanaamaan galan jechuun waliigaltee biyyoota lamaanii biyya Ameerikaa Giddugaleessaa keessatti mormii kaasuun booda Imbaasiin Ameerikaa beeksiseera.

Waliigalteen kun baatii Eblaa keessa mallattaa’e kun loltoonni Ameerikaa naannoo sulula kanaatti akka bobba’an kan hayyamu ta’us buufata akka hin hundeessine aanga’oonni Paanaamaa ibsaniiru.

Waraanni Ameerikaa humnoota nageenyaa Paanaamaan cinatti hojii bosona irratti leenji’uu Imbaasiin Ameerikaa ibsa Kamisa darbe AFP’f kenneen beeksiseera.

Shaakala waraanaaf loltoonni Ameerikaa galuu isaanii Paanaamaan raggaasifamuu akka qabu ibseera.

Paanaamaan waliigaltee nageenyaa kana kan mallatteessite, dhiibbaa prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, daandii bishaanii kiiloo meetira 82 dheeratu kan galaana Paasifikii fi Galaana Kaaribiyaan wal qunnamsiisu deebisee fudhachuuf doorsisaniin booda.

Chaayinaan sulula kana irratti dhiibbaa garmalee akka qabdu Doonaald Tiraamp irra deddeebiin himachaa turan. 

Waliigaltichi waldaalee hojjettootaa fi dhaabbileen biroo mormii kan kaasan yoo ta’u, isaanis “abbaa biyyummaa biyyaalessaa kan sarbu” fi buufata waraanaa duraanii aguuggiidhaan deebisuu kan uumudha jechuun falmuu isaanii AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply