• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni Israa’el naannoo kibba Beerut’s irratti haleellaa raawwate  

Jun 7, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Kamisa galgala haleellaa qilleensaa magaalaa naannoo kibbaa Beerut irratti akka raawwatan dhaabbati oduu mootummaa Libaanos gabaaseera.

Akka dhaabbati oduu biyyaalessaa jedhutti, xiyyaaronni Israa’el gamoolee naannoo Masjiida Al-Qaayem naannoo magaalaa Beerut naannoo kibbaa jiran keessaa tokko irratti xiyyeeffatee erga akeekkachiisa kenneen booda.

Xiyyaaronni waraanaa Israa’el haleellaa qilleensaa dabalataa shan kan geggeessaan yoo ta’u, isaan keessaa tokko garmalee cimaa kan ture. Bakki itti xiyyeeffatame yoo hin ibsamnellee, aarri haleellaa booda ol ka’e guddaa ture.

Boodarra waraanni Israa’el jiraattota naannoo Nabatiyee Kibba Libaanos naannoo haleellaa qilleensaa akka gadhiisan akeekkachiisa haaraa kenne.

Ibsi tokko jiraattonni yoo xiqqaate gamoolee ganda Ayin Qaanaa keessatti argaman hedduu irraa meetira 500 akka fagaatan qajeelfama kenneera.

Haleellaan yeroo dhiyootti raawwatame erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu baatii Sadaasaa 27, 2024 hojiirra ooleen booda haleellaa Israa’el afraffaadha.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaan Israa’el hanga Amajjii 26’tti Kibba Libaanos irraa guutummaatti bahuu qabdi turte, garuu erga Tel Aviv kabajuu didee booda yeroon xumuraa Guraandhala 18’tti dheerate. Israa’el ammallee buufata daangaa shan irratti waraanaa ishee qubsiistee jirti.

Leave a Reply