• Wed. Nov 25th, 2026

Chaayinaan Faransaay naannoo Eeshiyaa-Paasifiik keessatti ‘giddu seentummaa’ NATO akka mormitu abdii qabdi jedhe dippilomaatii olaanaan Chaayinaa

Jun 8, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025 

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Wang Yi Faransaay naannoo Eeshiyaa-Paasifiik keessatti giddu seentummaa NATO akka mormitu ministeera haajaa alaa Faransaay Jiyaan-Noyel Baarot waliin bilbilaan dubbataniiru.

Waang Paaris ”dhimma Eeshiyaa-Paasifiik NATOn gidduu seenuun isaa ni mormiti” jechuun abdachuu  marii Jimaata darbe gaggeeffame hordofuun himeera.

“Chaayinaan imaammata Chaayinaa tokkoo kabachiisuuf waadaa Faransaay qabduuf iddoo guddaa kan kennitu yoo ta’u, Faransaay waadaa kana hojiitti hiikti jettee amanti.”

Wang Yi akkasumas “dhimmi” Yukireen “gaaffii Taayiwaan” irraa “bu’a qabeessa” ta’uu dubbataniiru.

Baaroot ammoo ”waraana daldalaa fi taarifaa” mormuu isaa ibseera.

Faransaay ”wal-nyaatinsa dinagdee fi daldalaa karaa mariitiin sirnaan furuuf fedhii qabdi,” jedhan Baarot.

Gama lachuutiin hariiroo biyyoota lamaanii fooyyessuuf walitti dhufeenya uummataa fi aadaa wal jijjiiru hubachiisaniiru.

Leave a Reply