ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025
Seneterri Kolombiyaa Miguyeel Yuribe, dorgomaa pirezidaantii ta’uu danda’a jedhame, Sanbata magaalaa Kolombiyaa Bogotaatti rasaasaan rukutamuu isaa mootummaa fi paartiin yoom himan, haati warraa isaanii hospitaala keessatti du’aa fi jireenya gidduu jira jedhan.
Senetera ganna 39, bara 2026tti dorgomaa filannoo pirezidaantummaaf sagantaa duula filannoo irratti rasaasaan kan rukutaman yoo ta’u, miseensa paartii mormituu Konsarvaatiivii Giddugala Dimookiraatotaa kan pirezidaantii duraanii Kolombiyaa Alvaaroo Yuribeen hundeessaniidha. Namoonni lamaan walitti dhufeenya hin qaban.
Akka ibsa dhaabaa haleellaa kana balaaleffatetti, Senetera kun Sanbata magaalaa guddoo Fontibon paarkii ummataa keessatti sagantaa duula filannoo qopheessaa kan ture yoo ta’u, “Namoonni meeshaa waraanaa qaban duubaan irratti dhukaasaniiru.
Dhaabichi haleellaa kana akka waan hamaatti ibsuun, garuu haala Yuribeen bal’inaan hin ibsine.
Ministirri Ittisaa Kolombiyaa Peedroo Saancheez akka jedhanitti, dhukaasa kanaan shakkamaan to’annoo jala ooleera, akkasumas aanga’oonni biroo dhimmicha keessa jiraachuu isaanii qorachaa jiru jedhan. Saancheez hospitaala bakka Yuribeen itti yaalamaa jiru akka daawwate dubbateera jechuun Rooyiters gabaaseera.


