• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessatti waraanni Impaayerattii nama nagaa tokko ajjeesuun dhaga’ame 

Jun 9, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025 

Waraanni sirnichaa bara dhufaa fi darbaan bututtuu impaayera Itiyoopiyaa tiksuuf jecha ilmaan Oromoo aarsaa lubbuu kaffalchiisan godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Qarsaa jedhamu keessatti Waxabajjii 7, 2025 galgala keessaa toora sa’a 1:00 irratti jiraataa gandichaa abbaa maatii 2 kan ta’e, nama maqaan isaa Obbo Baay’isaa Tuuchoo jedhamu gaaffii seeraa tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Akka maddeen naannichaa ibsanitti, Obbo Baay’isaan siyaasa kamiyyuu keessatti nama qooda hin fudhannee fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun maatii isaanii kan jiraachisan, akkasumas hawaasa naannoo isaanii biratti gaarummaan kan beekaman yommuu ta’u, ergamtoonni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu aadeffatan kunneen Oromummaa isaa qofaan yakkuun akka ajjeesan dubbatu. 

Of-tuultonni ergamtoota Bilxiginnaa gara jabina daangaa hin qabne gonfachuun eenyummaa namootaa osoo adda hin baasin yakkuun bakka cufatti ajjeesuu irratti fuulleffatanii jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading