• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti milishoota sirnichaan maatiin qabsaa’otaa gidirfamaa jiraachuun ibsame 

Jun 9, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaatti Waxabajjii 7, 2025 milishoonni sirnichaa guyyaa gabaatti  maatii qabsaa’otaa bittaa fi gurgurtaaf gabaa ba’an namoota hedduu reebuun miidhaa qaamaa irraan ga’uun ibsameera.

Jiraattonni ganda Uranee reebichi irratti raawwachuun hidhamanii jiran maqaan isaanii:

  1. Mahammad Adam Mahammad fi
  2. Ahimed Yaasin Umaree  

kanneen jedhaman dabalatee namoonni biroon magaalaa Booraa waajjira Poolisiitti hidhamanii jiru.

Kana malees aanichuma:

  1. ganda Adaalootti Waxabajjii 6, 2025 dargaggoo Abdooyye Ahimed, 
  2. ganda Jajjabaa irraa ammoo Waxabajjii 4, 2025 Hasan Mahammad Alii, 
  3. ganda Qalqalchaa irraa shamarran lama: Aminaa Abduu fi 
  4. Kadijjaa Umar kanneen jedhaman maqaa obboloonni keessan miseensota WBO’ti jedhuun hidhanii gidirsaa jiraachuu itti dabaluun himaniiru.

Murni Bilxiginnaa goleelee Oromiyaa keessatti qabsoo blisummaa sabichaaf ABO-WBO’n geggeeffamaa jiru gufachiisuu yaada jedhuun, maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo adamsee ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’eerraa buqqisuu akka furmaataatti fudhatee  miidhaa ulfaataa  geggeessaa jira.

Leave a Reply