• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti saamichi ergamtoota sirnichaan hawaasa irratti raawwachuun himame 

Jun 10, 2025

ONM-ABO Waxabajji 10, 2025 

Gareen faashistii PP afaan qawwee fayyadamuun golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo irratti saamicha hamaa raawwachaa kan jiran oggaa ta’u, keessattuu uummata godina Horroo Guduruu Wallaggaa irratti dhiibbaa daangaa darbe humnoota finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun raawwachuu cimsanii itti fufaniiru.

Haaluma kanaanis aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kootichaa Maloolee jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun Waxabajjii 1, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Dirribaa Abdiisaa jedhamu jalaa sangoota 2 qalatanii nyaachuun mana jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Sababni miidhaa kanaas “Ilma keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti fi hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” kan jedhuun oggaa ta’u, loltootni Bilxiginnaa maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuun bobbaafamaa jiran kunneen hawaasa tasgabbii dhorkuu fi al-seerummaa geggeessaa jiraachuu jiraattotni dabaluun gabaasan.

Leave a Reply