ONM-ABO Waxabajji 10, 2025
Murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dirqiin guuree irbaata rasaasaa gochaa kan jiru yoo ta’u, kanneen hammeenyummaa sirnichaa hubatan mooraa cubbamaa Bilxiginnaa gananii WBO’tti makamuu jabeessanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaanis Waxabajjii 9, 2025 godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu mooraa Daannisaa keessaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko meeshaa guutuun miliqee WBO’tti makamee jira.
Loltuun impaayerattii duraanii kun, hojiin waraanaa balaa guddaa fi dhiibbaa jireenyaa ilmaan namaa irratti geessisa jechuun, jibbiinsa sanyummaa fi ilaalcha jal’inaa murna Bilxiginnaa baqatee WBO’tti makamuus hima.
Xumura irrattis balaa fi rakkina kam keessattuu saba koo tajaajiluuf kutannoo fi ofitti amanamummaa koo nan ibsa kan jedhu miseensi waraanaa kun, loltoonni sabaan Oromoo taatanii mooraa dabaa Bilxiginnaa keessa jirtan daba seenaa fi seeraan nama gaafachisu raawwachaa akka jirtan hubadhaatii yeroon qabsoo haqa qabeessa WBO’n geggeeffamaa jirutyi makamaatii Oromiyaa walabaa ijaaruuf hojjedhaa jechuunis dhaameefii jira.

