• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Oromiyaa Godinaalee garaa garaatti hidhaa fi saamichi ergamtoota murna PP’n uummata irratti jabaate

Jun 10, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025 

Saamtonni murna Bilxiginnaa Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee ganda Sarbaa jedhamu keessatti uummata irratti saamicha hammeessuu hordofee jiraattonni gandichaa akka itti gabaa baanee waan nyaannu bitannu hin qabnu, borii keenyaafis yaaddoo jabaa keessa jirra jechuun miira nama gaddisuuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees Waxabajjii 9, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii gandoota baadiyyaa cufa keessatti uummata gabaa deemu daandii gubbaatti ba’uun qabanii xiqqaa fi guddaa osoo hin jedhin humna isaaniitti dhimma ba’uun gatii milishaa jechuun qarshii 200 harkaa saamaa turuu jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

Ba’aa fi gala uummata Orommoo danquun jiruu gadadoof saaxilaa kan jiran jaleewwan murna Bilxiginnaa amala fafee isaanii kana namoota nagaa irratti hammeessuun guyyuun goleelee Oromiyaa keessatti afaan qawween ilmaan hiyyeessaa gidirsuun maatiiwwan hedduun qe’ee gadhiisuu fi gariin ammoo abdii kutannaa guddaa keessa jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply