ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025
Jaleewwan sirna garboomfataa PP aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo ganda 01 keessaa sababa tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Girmaa Hiwunatuu,
- Taayyee Guuttataa kan hidhan oggaa ta’u ganda Gossaanii Baabboo keessaa ammoo,
- Fiqaaduu Kabbadee,
- Mootummaa Taammiruu,
- Taammiruu Nagaraa fi
- Surraa Ittaanaa
kanneen jedhaman qabanii hidhuun manaa fi qabeenya isaanii gubanii erga barbadeessaniin booda, lafa isaaniis akka hin qotanneef ugguranii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees Kabaa Olaanaa, Mulaatuu Olii kanneen jedhaman ammoo ganda Baataa Awaangiraa irraa akka lafa isaanii hin qotanneef ugguramanii jiraachuu fi ganda Buttujjii Qassoo kessaas namoota maqaan isaanii:
- Jamaal Huseen fi
- Kamaal Huseen haadha warraa isaanii wajjin
maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jira jechuun magaalaa Moxeetti hidhanii jiraachuu maddeen himan.
Dabalataanis:
- barsiisaa Tuulam Surraa fi
- barsiisaa Caalaa Surraa
maqaa obbolaa keessan’tu WBO keessa jira jedhuun qabanii erga hidhaniin booda, hojii barsiisummaa irraa ari’anii jiraachuu fi lafa isaanii illee qotatanii akka hin jiraanneef ugguranii jiraachuu dabaluun himaniiru.

