ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025
Murni Bilxiginnaa “biyya keessaniif loltu” jechuun goyyomsee ilmaan hiyyeessaa hunda yeroo adda addaatti dirqamaan waraanummaa leenjisaa kan jiru yoo ta’u, loltoonni isaa kunneenis bututtuu impaayerattii suphuuf fedhii guutuu waan hin qabneef akkuma mooraa leenjiitii ba’aniin akkaataa isaaniif mijateen qawwee fi hidhannoo isaanii qabatanii WBO’tti harka kennachaa, gurgurachaa, akkasumas mooraa waraanaa fi mana uummataa keessatti gatanii miliqaa jiru.
Haaluma kanaan, Baha Shaggar mooraa waraana Bilxiginnaa aanaa Boosat keessatti argamu irraa Waxabajjii 7, 2025 miseensonni waraana Bilxiginnaa maqaa farra riphee lolaa jedhuun of waaman 2 qawwee dachaatuu AKM 2 fi rasaasa 300 qabachuun WBO aanaa Dugdaa keessa socho’utti harka kennatanii jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa ONM’tti himee jira.
Miseensonni waraana impaayerattii duraanii kunneen simannaa WBO’n isaaniif taasisetti hedduu gammaduun, hiriyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniin qawwee fi hidhannoo keessan qabadhaatii yeroodhaan gara qabsoo saba keessaniitti makamaa” jechuun carraa argatan kanaan dhaamaniifii jiru.

