• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti dargaggoo tokko irratti ajjechaa suukkaneessaan waraana impaayerattiin raawwatamuun dhaga’ame 

Jun 12, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Qarsaa Moojootti Waxabajjii 6, 2025 dargaggoo maqaan isaa Ayyaanaa Lataa jedhamu nama yakka homaa hin qabne waraanni impaayerattii mana isaatii gadi baasuun gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka maddeen himanitti dargaggoo kana yeroo adda addaatti maqaa WBO nyaachistaa fi WBO quunnamta jedhu itti maxxansuun hidhanii mana hidhaa keessatti dararaa ulfaataa irraan ga’aa turanii gadi dhiisuun, erga gadi dhiisanii booda irra deebi’uun mana isaatii qabanii hawaasa fuulduratti baasuun ija uummata duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesan jechuun dubbatu.

Murni dogonggora isaa irraa hin barannee fi gocha badii isaatti hin gaabbine Bilxiginnaan waggoota 7’n darban kana erga WBO’n  Oromiyaa keessatti lolee lolchiisuun injifannoo boonsaa galmeessuu jalqabee kaasee akka waan hidhaa fi ajjechaan ilmaan Oromoo jiilchee qabsicha dhabamsiisuutti amanuun tarkaanfii hidhaa fi ajjechaa gara jabinaa hammeessus qabsichi garuu darbeetuma tarkaanfachuutti jira malee dhaabbachuu akka hin dandeenye beekuun barbaachisaadha.

Leave a Reply