ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Murni Bilxiginnaa jibbiinsa sanyumaa Oromoo irraa qabu miidiyaa isaatti ba’ee afaaniin ifatti labsuu baatus ergamtoota isaatti dhimma bahee tooftaalee garaa garaan ilmaan Oromoo irratti gocha duguuggaa sanyii geggeessaa kan jiru yoo ta’u, godina Kaaba Shaggar aanaa Giraar Jaarsootti maanguddoo ganna 80 kan ta’an:
- Obbo Warquu Beekaa Badhaanee ijoollee isaanii lama kan maqaan isaanii
- Dirribaa Warquu fi
- Buzunaa Warquu jedhaman waliin
ukkaamsamanii hidhamuun dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru
Maanguddoon raagaan kunii fi ilmaan isaanii marti hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii of jiraachisuu malee yakka dalagan tokkollee kan hin qabne yoo ta’an, humnoota nageenyaa aanaa Giraar Jaarsoo fi poolisootaan qabamanii reebichi ulfaataan erga irratti raawwatameen booda, yeroo ammaa waajjira poolisii aanaa Giraar Jaarsootti yakka tokko malee hidhamanii hiraarfamaa jiru.
Hidhamuu maanguddoo kanaa fi ilmaan isaa hordofee haati warraa Obbo Warquu kan ganna 80 taatu rakkoo ulfaataa keessa akka jirtus dabaluun dubbatu.


