ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Gochaawwan badii loltoota faashistii PP’n raawwataman, itti yaadanii namoota nagaa fi qabeenya irratti xiyyeeffachuu irraa kaasee hanga imaammata ukkaamsuun hidhuu, saamicha taasisuu, ajjeesuu fi tarkaanfiiwwan adda addaa kan dabalatu yoo ta’u, kunis bu’uuraalee misoomaa, qabeenyaa fi jireenya uummata nagaa balleessuu guyyuu Oromiyaa keessatti adeemaa jiru irraa hubatamuun kan danda’amuudha.
Bifuma kanaanis dhiibbaan godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo iddoo addaa Daakaa jedhamutti Waxabajjii 10, 2025:
- dargaggoo maqaan isaa Shaamballii Girmaa Magarsaa jedhamu reebicha qaama laalessu irratti taasisuun miidhaa jabaa irraan kan ga’an oggaa ta’u,
- Obbo Girmaa Magarsaa jalaa ammoo loon 8, re’oota 5 fi qabeenya biroo saamuun mooraa waraanaatti akka geeffattan jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.
Murni Bilxiginnaa ona Kuyyuutti namoota nagaa itti yaadanii ajjeesuu mana isaanii gubuu, dukkaana saamuu fi miidhaa adda addaa qaqqabsiisaa kan jiran oggaa ta’u, maqaa deggertoota WBO’ti fi maatii qabsaa’otaa akkasumas sabboontota cufa hiraarsuu cimsanii itti fufaniiru.





