ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Mariin niwukilaraa yoo kufee fi Ameerikaa waliin waldhabdeen yoo uumame, Iraan naannichatti buufataalee Ameerikaa ni rukutti jedhan Roobii kaleessaa Ministirri Ittisaa Iraan Aziz Nasirzadee. Mariin niwukilaraa Iraan marsaa 6ffaa karoorfame guyyoota dursanii akeekkachiisa dhageessisan.
“Aanga’oonni gama biraa tokko tokko mariin yoo hin milkoofne waldhabdeef akka saaxilu himan. Yoo waldhabdee keessa galame… bu’uuraaleen Ameerikaa hundi lafa nuti qaqqabuu dandeenyu waan ta’eef biyyoota keessummeessituu keessatti ija jabinaan isaan irratti xiyyeeffanna,” jedhan Nasirzadeen ibsa gaazexeessitootaaf torbaniin kennaniin irratti.
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp waliigaltee niwukilaraa haaraa irra yoo hin ga’in Iraaniin boombii akka rukutan doorsisaniiru.
Mariin marsaa itti aanu torban kana keessa kan geggeeffamu yoo ta’u, Tiraamp Kamisa har’aa mariin kan gaggeeffamu ta’uu yoo himan, Tehran Dilbata dhufu Omaan keessatti akka gaggeeffamu dubbachuu Rooyiters gabaaseera.

