ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Afrikaa Kibbaatti yoo xiqqaate namoonni 49 roobni cimaan bulchiinsa Keep Baha keessatti uumameen lolaa mudateen booda du’uu Roobii kaleessaa himameera.
Naannoon baadiyyaa baay’inaan kan galaana Hindii irraa gara gaarreen biyya keessaa olka’aa ta’etti kan diriire yoo ta’u, dhuma torbanii kaasee rooba cimaa fi qorra cimaadhaan rukutameera.
Afrikaan Kibbaa baay’een isaa guyyoota darban keessa rooba cimaa fi haala qorra cimaa ta’een rukutamteetti.
”Qilleensa qorraa fi rooba cimaan yeroo tokkotti roobuu akkanaa arginee hin beeknu,” jechuun muummicha ministeeraa Baha Keep Lubabalo Oskaar Mabuyanee gaazexeessitootatti himaniiru.
Manni tokko bishaan lolaa Afrikaa Kibbaa naannoo Baha Keep keessatti liqimfamee jira .
Warra dhabame keessaa daa’imman afur minibaasii mana barumsaa bishaaniin liqifamte keessa akka jiran aanga’oonni naannoo himan.
”Barattoota sana keessaa afur akka du’an mirkanaa’eera.
“Barattoonni afur ammallee dhabamaniiru, ammallee barbaadamaa jiru,” jechuun itti fufuun, namoonni sadii lubbuun akka argaman himaniiru.
Qondaaltonni waa’ee miidhamtoota biroo odeeffannoo dabalataa hin kennine, haalli jiru guddachaa jira jechuun himuu isaanii Doochi Waleen gabaaseera.


