• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguuddaatti manneen barnootaa kunuunsa dhabuu irraan kan ka’e jijjiigaa jiraachuun dhaga’ame 

Jun 13, 2025

ONM-ABO Waxabajji 13, 2025 

Kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Woleenaa keessatti kan argamu manni barnootaa gandichaa sadarkaa 1’ffaa ‘Ee’ sababa kufaatii dinagdee impaayerattii keessatti mudateen xiyyeeffannoo dhabuun yeroo ammaa bututee caccabuun badaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni gandichaa yaada isaanii ONM’f qoodanitti yeroo adda addaatti caasaalee sirnichaa dhimmi ijaarsaa fi misoomaa isaan ilaallatu gaaffilee hanqinoota bu’uuraalee misoomaa kanneen biroo qabnu gaafachaa turrus hanga ammaatti osoo eegnuu deebii dhabnee, kan duraan qabnuyyuu turtii tajaajilaa hedduu lakkoofsisee haaromsa dhabuu irraan kan ka’e jijjigee baduutti jira jechuun dubbataniiru.

Yeroo ammaa impaayerattii keessatti baajetni akka albuuda gati jabeessaa ta’uun cinatti, addatti ammoo aanga’oota sirnichaa biratti qaaloftee kan jirtu yoo ta’u, kunis ta’uu kan danda’eef sababni isaa dhibbentaan baajeta impaayerittii irra guddeessaan kan ramadamu bu’uuraalee misoomaa uummataaf mijeessuu irra humna waraanaa qindeessuu irratti xiyyeeffatee waan hojjetaa jiruuf ta’uun kan beekamuudha.

Sabaa fi sab-lammoonni impaayerattii keessatti argaman cufti rakkoowwan bu’uuraalee misoomaan wal qabataniin boodatti hafiinsa keessa kan jiran yommuu ta’u addatti immoo sabni kallattii maraan roorroo alagaa jalaa walaba bahuuf carraaqaa jiru kun sababni cichee falmachuu isaa kunis sodaa fi yaaddoo guddaa impaayerattii keessatti uumee jira.

Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessattis kanumaan kan wal qabate galiiwwan adda addaa maqaa gibiraa fi kanneen biroo falaasamuun humnaan irraa saamaa oolan hanqinoota bu’uuraalee misooma uummataaf oolchuu irra hoomaa waraanaa ittiin leenjisuu fi fedhii dantaa ofiif oolfachuu bira darbee faayidaa uummataa hanqachuun isaa ni beekama.

Leave a Reply