ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025
Murni Bilxiginnaa sadoo dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha maqaa nageenya eeguu fi seera kabachiisuu jedhu sababeeffachuun qawwee sirna-dhableessichi koloneel Abiy Ahimed itti hidhe hawaasatti garagalfachuun dhiibbaa garaa garaa raawwatanii kabajaa isaaniif hin malleen uummaticha dararuu cimsanii itti fufaniiru.
Akkuma kanaan aanaalee godina Qellem Wallaggaa cufa keessatti kan argaman milishoonni sirnichaa dhiibbaa ulfaataa hawaasa irraan gahuun dirqama afaan qawween rakkisanii qonna qochisiifachuun cinatti hanga midhaan oomishamee callaan manatti galutti hojiin kun gahee keessani jechuun itti murteessanii uummatni kan dhuunfaa isaa qotatee jiraachuu dadhabee dararaa hamaa keessa jiraachuun dhaga’ameera.
Aanaa Hawwaa Galaan ganda Baddeeyyii araddaalee arfan dabalatee uummatni hojii milishaa hojjechuuf jecha dararamaa jiraachuu cimsanii dubbatu.
Kana malees aanaa Sadan Canqaa gandoota akka Deentaa Billee, Deentaa Cabalii fi ganda Wacaa jedhaman keessatti hojii isaaniitti bobbaafatanii hojjisiisuun cinatti namni tokko yoo qotiyyoon isaa jalaa dhukkubsatee irraa hafe qarshii 1000 adabamee qonna irraa hafes dhaqee qotaa jira.
Aanaalee armaan olitti maqaa dhahaman malee kanneen olloota isaanii ta’an keessattis rakkoon nageenyaa fi hiraarsi hidhattoota murnichaan hawaasa Oromoo goolaa jiru bifuma wal fakkaatuun kan itti fufee jiru yoo ta’u, uummatni kun nageenya isaaniin cinatti dinagdee isaaniitiif yaaddoo guddaa keessa jiraachuus dubbatu.

