• Wed. Nov 25th, 2026

Imbaasiin Ameerikaa Israa’el keessatti hojjettoota isaan wal dhabdee Iraan waliin uumamuu danda’u gidduutti sochii isaanii daangessu

Jun 13, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025 

Imbaasiin Ameerikaa Israa’el keessaa kaleessa haleellaan nageenyaa Iraan irratti raawwatamuu danda’a jechuun Tel Aviv Gudduttii, Yerusaalem fi Beersheba akka hin imalle dhorke.

“Wal mormiin naannoo dabaluu isaatiin, hojjettoonni mootummaa Ameerikaa fi miseensonni maatii isaanii Tel Aviv (Herziliya, Netanya, fi Yehuda dabalatee), Yerrusaalem, fi Beyershevaa ala hanga beeksisa dabalataatti imaluu irraa daangeffamaniiru,” jechuun Imbaasiin ibsa baaseen dubbateera.

Imalli naannoo sadan kana gidduutti hayyamamee jira, kunis gara buufata xiyyaaraa Ben Guriyoon Tel Aviv fi karaa 1ffaa, kan Yerusaalem fi Tel Aviiv waliin wal qunnamsiisu fi riqicha Allenbay gara Yoordaanitti qaxxaamuruu dabalateeti.

“Haalli nageenyaa walxaxaa waan ta’eef dafee jijjiiramuu danda’a,” jechuun akeekkachiiseera.

Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, Israa’el sagantaa niwukilaraa isheetiin Iraan irratti tarkaanfii waraanaa karoorfattee jirti.

Wiixata darbe US hojjettoonni barbaachisoo hin ta’anee fi maatiin waraanaa bakka tokko tokko Baha Giddu Galeessaa irraa akka ka’an ajajeera.

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Roobii darbe akka mirkaneessanitti, bakkeewwan kun ”bakka balaa ta’uu danda’u” jechuun hojjettoonni Ameerikaa akka ba’an ibsaniiru.

Ministirri Ittisaa Iraan Aziz Nasirzadee sagantaa niwukilaraa Tehran irratti waldhabdeen biyyoota lamaan gidduutti yoo ka’e buufataalee Ameerikaa naannichaa irratti xiyyeeffachuuf doorsisuun ni yaadatama.

Leave a Reply