• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti hidhaa, saamichaa fi doorsisa garaa garaa raawwachaa jiraachuun dhaga’ame 

Jun 14, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2025 

Qe’ee isaa keessatti nagaan jiraachuu dadhabee dararaan adda addaa hanga ajjechaa lubbuutti irratti raawwatamaa kan oolu uummatni Oromoo murna dantaa isaaf ijaarame Bilxiginnaan maqaa mootummaa Oromoo jedhu dawoo godhachuun gubbaa hanga gadiitti caasaalee saamichaaf tolfatee qabuun qe’ee fi qabeenyi isaa manca’aa jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Harargee aanaa Habroo bulchiinsa magaalaa Galamsoo fi bulchiinsa magaalaa Waaccuu araddoota kanneen akka araddaa 10’ffaa, araddaa 9’ffaa fi araddaa 8’ffaa jedhaman keessatti maqaa garaa garaa uummatatti maxxansuun reebuu, saamuu fi hidhuun hawaasni rakkoo ulfaataa keessa kan jiru yoo ta’u, keessumaa araddaa 9’ffaa jedhamu keessatti sababoota adda addaa badii isaa hin taaneen miidhama baay’ee yaaddessaa keessa jiraachuu fi akkuma guutummaa aanichaatti dararaan guyyaa guyyaatti ergamtoota sirnichaan  hawaasni argaa oolu egeree isaaniif hedduu yaaddessaa ta’uu dubbatu. 

Gocha badii isaaniitti gaabbiin namummaa kan itti hin dhaga’amne ergamtoonni sirnichaa dinagdee impaayerattii addunyaa dorgomtuu keessaa cabsanii boodatti hambisanii jireenya uummatatti qaalessuun, hawaasa sababa jireenyi itti qaala’eef jecha mana isaa keessa jiraachuuf iyyuu gargaarsi namoomaa taasifamuufii  barbaachisu oggaa miindaan isaan hanqatee giiphiin isaanii duwwaa ta’u sobaan uummata yakkanii dubbii hin jirre itti jallisuun saamichaa fi miidhaa daangaa hin qabneen dararaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading