ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Humnoonni Yukireen loltoota Raashiyaa naannoo kaaba baha Saamuu keessatti akka hin tarkaanfanne kan dhaabsisan yoo ta’u, amma to’annoo guutuu deebifachuuf daangaa irratti qabsaa’aa jiru jedhan pirezidaantiin Voldaamer Zelenskiin.
Zelenskiin yaada waajjira isaaniitiin maxxanfamee gadhiifameen, Moskoon loltoota gara 53,000 ta’an kallattii Saamiitiin walitti qabde jedhan.
“Ejjennoo walqixxeessaa jirra. Lolli achi jiru daangaa irra jira. Diinni achitti akka dhaabbate hubachuu qabda gadi fageenyi ol’aanaan lola irratti raawwatamu daangaa irraa km 7 fagaata,” jedhan Zelenskiin.
Rooyitars gabaasa dirree waraanaa mirkaneessuu hin dandeenye.
Loltoonni Raashiyaa naannoo Baha Donetisk keessatti haleellaa isaanii irratti xiyyeeffachaa kan turan yoo ta’u, erga ji’a jalqabanii as haleellaa isaanii Kaaba-bahaatti cimsanii, naannoo Saamii fi Karkiiv keessatti ‘zooniin bilisa’ jedhamu uumuuf karoora qaban beeksisaniiru.
Waraanni Raashiyaa Yukireen waggaa 4ffaa irra jira garuu torbanneen darban keessa cimee jira.
Zelenskiin akka jedhetti loltoonni Yukireen sarara ittisaa isaanii kiiloo meetira 1,000 ol ta’an irratti eegeera. Akkasumas, loltoonni Raashiyaa daangaa bulchiinsaa naannoo giddu galeessaa Yukireen Dinipropetrovisk qaxxaamuraniiru jechuun himannaa Moskoo kuffisuu Rooyiters gabaaseera.

