• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni Israa’el lammiilee Iraan naannoo dhaabbilee meeshaa waraanaa jiraniif akeekkachiisa bakka sana gadhiisuu kenne

Jun 16, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025 

Israa’el Dilbata kaleessaa lammiilee Iraan naannoo dhaabbilee oomisha meeshaa waraanaa Teehran jiraataniif akeekkachiisa bakka sanaa baqachuu kan kennite yoo ta’u, biyyootni lamaan haleellaa misaa’elaa Jimaata darbe eegale wal jijjiiruu itti fufaniiru.

“Waraanni Israa’el iddoowwan kanneen rukuchuun mataa  bofa kan jedhu Iraaniin dadhabsiisuuf dandeettii niwukilaraa fi sirna meeshaa waraanaa ishee irratti xiyyeeffachuu,” akka barbaadan Ministirri Ittisaa Israa’el Israa’el Katz ibsa kennaniin dubbataniiru.

Israa’el kanaan dura lammiilee Iraan naannoo dhaabbilee meeshaa waraanaa Iraan jiraataniif akeekkachiisa baqachuu kennitee turte jechuun dubbi himaan waraana Israa’el barreeffama X irratti afaan Arabaa fi Faarsiin barreesseera.

Dubbi himaan kun akeekkachiisni kun warshaalee meeshaa waraanaa fi dhaabbilee deggarsaa hunda kan hammate ta’uu ibsaniiru.

Israa’el haleellaa waraanaa guddaa Jimaata darbe Iraan irratti kan jalqabde yoo ta’u, galmi ishee Iraan meeshaa atoomikaa akka hin hojjennee fi dandeettii misaa’ela balistikii Iraan dhaabuudha jetteetti jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply