ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti sarbamiinsa mirga namoomaa irratti hammeessuun, ajjeefamee haqa argachuu dhabuu, nagaa fi tasgabbii badii isaa malee gidiraa ulfataan gatii kaffalaa jira.
Gochaawwan sarbamiinsaa kunneenis yeroo ammaa baay’ee ulfaachuun rakkoowwan hidda gadi fageeffate keessatti uummanni hiyyummaa fi hanqina barnootaa dhabuun cinatti maallaqni gargaarsa adda addaan harkaa guuramaa kan jiru oggaa ta’u, torban kanas godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Agaloo ganda Baataa Awaangiroo jedhamutti shiftoonni waraana koloneel Abiy Ahimed maqaa tumsa waraanaatiin jiraattota harkaa qarshii 500 fuudhaa akka jiranjiraattotni himan.
Namoota maallaqni harkaa fuudhame keessaa kanneen muraasni maqaa arganne:
- Obbo Faqqadaa Wadaajoo,
- Obbo Abarra Mittikkuu,
- Obbo Milkeessaa Fayisaa fi
- Obbo Waaqgaarii
kanneen jedhaman dabalatee namoonni saamaman danuu kan ta’aan oggaa ta’u, saamichaan cinatti dhiibbaan adda addaa sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa irratti haalaan jabaachuus jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.



