• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti hawaasa nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame

Jun 18, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025 

Murni hojiilee hammeenyummaa isaa waakkachuu fi turtii gadaa aangoo isaa dheereffachuuf dhama’u Bilxiginnaan hawaasa halkanii fi guyyaa nagaa hawwu maqaa garaa garaa itti maxxansuun reebicha, hidhaa, saamicha, gubaatii manneenii fi mancaatii qabeenyaa irratti raawwachuu hojii idilee isaa godhachuun jiraattota nagaa meeshaa waraanaa of-harkaa hin qabnetti roorrisaa oola.

Bifuma kanaanis Waxabajjii 14, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Baqalee Girrisaatti waraanni namuusa waraanummaa hin qabne nam-tokkee teessoo irratti tiksuuf jecha namoota nagaa ilaalcha siyaasaa paartilee biroo qabduu fi sabboontota ilmaan Oromootiin hawaasa kakaasaa jirtu maqaa jedhuun hidhanii gidirsaa jiraachuun beekameera.

Hidhamtoonni siyaasaa dararaan irratti raawwachaa jiru keessaa kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Fittaallaa Bobbaasoo,
  2. Obbo Idoo Qabatoo,
  3. Abbuu Xinnichoo,
  4. Kurfaa Dubbisaa,
  5. Bobbaa Urgii fi 
  6. Kurfaa Korjoo kanneen jedhaman akka ta’es jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

Leave a Reply