ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Gamoon TV Rippabiliika Islaamaa Iraan (IRIB) haleellaa Israa’el Wiixata kaleessaa irratti raawwatteen, battalumatti uwwisa kallattii dhabuun ibsame.
Dhohinsi kun kan uumame yeroo tamsaasa kallattiin mul’ataa jiru ta’uu miidiyaaleen Iraan viidiyoo taatee kanaa qooddachuun gabaasaniiru.
“Sirni Ziyoonistootaa, diinni saba Iraan, daqiiqaa muraasa dura, TV Iraan irratti tarkaanfii waraanaa gaggeesse jedhan, qondaalli olaanaan tajaajila tamsaasaa Hasan Abediniin.
“Israa’el sagaleen Warraaqsa Islaamaa fi Iraan guddittiin tarkaanfii waraanaatiin akka hin callifamne hin beektu ture” jedhe
Iraan haleellaa Israa’el gamoo TV mootummaa Teehiraan irratti raawwatame “yakka waraanaa” jechuun balaaleffattee, Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tarkaanfii akka fudhatu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Esmayel Bagaye himan.
Itti dabaluudhaanis, “UNSCn amma, weerartuu duguuggaa sanyii gocha hammeenya dabalataa ummata keenya irratti akka hin raawwanne gochuuf,” socho’uu qaba jechuun dabalaniiru.
TVn mootummaa haleellaa kana yeroo muraasa booda kallattiin deebi’ee eegale.
Guyyuma kaleessaa Ministirri Ittisaa Israa’el Israa’el Katz akka jedhanitti, televijiinii fi raadiyoo mootummaa Iraan baduuf akka ta’e dubbateera.
Haleellaa qilleensaa Israa’el kan tamsaasa mootummaa Iraan erga addaan rukutanii booda, Kaatz mootummaa “abbaa irree” Iraan Alii Kaameenii “bakka hunda” akka rukutu doorsisan.
Muummichi Ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun kaleessaa ABC News’tti akka himanitti, Hogganaa Olaanaa Iraan fi aanga’oota olaanaa Iraan ajjeesuun biyyoota lamaan gidduutti “waldhabdee jiru akka xumuran” himaniiru.
Jalqaba Wiixata, waraanni Israa’el “samii Teehiraan irra jiru keessatti olaantummaa qilleensa waliigalaa” galmeessee jira jedheera jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.





