ONM-ABO Waxabajji 20, 2025
Guddina addunyaan argitee fi jajatte uummatni Itiyoophiyaa argaa hin jiru jechuun impaayera Itiyoophiyaa keessatti guddina ajaayibaa ‘miracle’ ta’e galmeessine jechuun koloneel Abiy Ahimed torban dura dubbatus, Itiyoopiyaan biyyoota Afrikaa keessa jiraachuuf qaala’aa ta’an keessaa sadarkaa tokkoffaa, addunyaa irraa sadarkaa 53’ffaa irra jiraachuu ishee gabaasni mul’ise.
Akka gabaasni haaraan kuusaa ragaa qaala’insa jireenyaa addunyaa guddichaa baasetti lammiileen Itiyoopiyaa yeroo ammaa tajaajiloota bu’uuraa kanneen akka nyaataa fi geejjibaa irratti biyyoota Afrikaa biroo caalaa baasii guddaa baasu jedhe.
Akka gabaasa kanaatti Itiyoopiyaan addunyaa irraa sadarkaa 53’ffaa irratti kan argamtu yoo taatu, kunis qabxii indeeksii qaala’insa jireenyaa dhibba keessaa 46.5 galmeessisuun biyyoota Afrikaa keessaa isa olaanaa ta’uu agarsiiseera.
Impaayerattiitti sababa gatiin meeshaalee shaqaxaa dabalaa jiru kanaan walqabatee Itiyoophiyaan qaala’insa jireenyaan tokkoffaa akka taatu godheera jedhe.
Keessattuu namoota galii dhaabbataa ykn gadi aanaadhaan jiraataniif baasii torbee isaanii uwwisuuf daran rakkisaa itti ta’uu impaayerattiin jireenyaaf qaala’ooftuu ta’uu ishee kan agarsiisu ta’uun News gabaafameera.
Yeroo ammaa sababa liqa IMF fi baankii addunyaa irraa argachuu jedhuun impaayerattii haaromsa dinagdee jechuun gabaa jijjiiramaa keessa erga seentee as gatiin doolaraa ol ka’uun wal qabatee meeshaaleen fayyadamaa hedduun gatiin dabaluun jireenya lammiileetti hadheessee jiraachuun ni beekama.


