• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti dargaggoon tokko milishaa Bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhachuun meeshaa irraa hiikkate

Jun 20, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025 

Qabsoo harka duwwaan diddaa garbummaa finciluu kan itti beekan qaqqaaliin qeerroo fi qarree ilmaan Oromoo, har’as  akkuma bara TPLF sanatti jala deemtota Bilxiginnaa harkuma qullaa biyyeedhaan ishee makaa jiru.

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Siibaa Qaaqee jedhamu keessatti Waxabajjii 17, 2025 dargaggoo maqaan isaa Abdii Mahaammad jedhamu milishaa Bilxiginnaa biyyaaf gaamsisu tokko kan maqaan isaa Zeenuu Abbaa Tamaam jedhamu wayita inni isa qabuuf jedhu tarkaanfii irratti fudhatee miidhaa jabaa irraan ga’ee meeshaa irraa hiikkachuun ibsameera.

Akka maddeen himanitti, milishaan kun yeroo ammaa kana mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu kan jiru yoo ta’u, jaleewwan sirnichaa kanneen biroonis dargaggoo Abdii qabuuf jecha halkanii fi guyyaa adamsaa kan jiran ta’uu ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply