ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025
Waxabajii 17, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessaa dargaggoonni lama kanneen maqaan isaanii:
- Raagoo Tunaa fi
- Qeerroo Guduree
jedhaman badii tokko malee waraanni Bilxiginnaa reebichaa hamaa erga irraan ga’aniin booda waajjira poolisii magaalaa Maqiitti hidhuun gidirsaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa himaniiru.
Dargaggoonni kunneen jiraattotuma aanichaa yoo ta’an shakkii hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, hojiiwwan basaasummaa fi ergama WBO fudhachuun miidhaa waraana keenyaa fi caasaalee keenya irratti qaqqabsiisaa jirtu maqaa jedhuunis akka hidhan kan himan jiraattonni haalli namoomaa isaaniis daran yaaddessaa ta’uu dubbatu.
Kana malees onicha keessatti baatiilee tokko keessatti dargaggoonni hedduun ajjeefamuu fi hidhamanii kan jiran oggaa ta’u, kanumatti dabalee loltootni maqaa sakattaa WBO’n gandoota baadiyyaa keessa adeemaa jiran manneen maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo jumlaan gubuu fi gidiraa adda addaas hawaasa irraan ga’aa akka jiran himaniiru.

