• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti waraanni Abiy Ahimed maanguddoo tokko mana hidhaa keessaa baasuun achi buutee dhabamsiisan

Jun 24, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

Baha Shaggar aanaa Dugdaatti jiraataa ganda Bayimoo Guusaa kan ta’e maanguddoo maqaan isaa Obbo Lammii Leenjisoo jedhamu jaleewwan Bilxiginnaa sababa tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii magaalaa Maqiitti ji’oota hedduuf hidhanii hiraarsaa turuun torban darbe keessa mana hidhaatii baasuun achi buutee isaa dhabamsiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Obbo Lammiin maanguddoo ganna 65 olii fi abbaa ilmaan 12 yoo ta’u, badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf umrii kanatti hidhaatti darbatamee dararamaa erga tureen booda torban darbe keessa maatiin isaa dubbisuuf dhaqanii bakkichaa dhabuu dubbatu.

Armaan duras maatiin Obbo Lammii ergamtoota sirnichaan qe’ee fi qabeenya irraa buqqifamanii adda faffaca’uun jireenya gadadoo hamtuuf saaxilamanii rakkachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply